OROMO COMMUNITY IRELAND - HAWAASA OROMOO AYERLAAND

Blog

Guyyaa Gootota Oromoo, Ebla 15 bara 2012

Posted by oromocommunityireland@gmail.com on April 15, 2012 at 4:30 PM

Guyyaa Gootota Oromoo: Ibsa ejjannoo Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOA)

 

Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOAn) Ebla 15, guyyaa gootota Oromoo yeroo jalqabaatiif sirna oo’aadhaan ayyaaneffate. Miseensotni WHOA guyyaa seena qabeessa kana walitti dhufuudhaan waayee uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaa bal’inaan mari’atanii jiru. Marii kana keessatti dhimmoota irratti haasa’aman keessa inni hangafti haala yeroo ammaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti uumame fi adeemaa jiru dha.

 

Qabxiileen biroo kan mariin irratti godhame:

 

 Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15 maaliif kabajama?

 Kaayyoon isaan wareegamniif maali, akkamitti galiis gahuu danda’a?

 Qabsoo bilisummaa kana keessatti gaheen ykn qoodni hawaasa (hawaasota) Oromoo maali?

 Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOAn) hoo haala kana akkamitti laala?

 Haala uummata Oromoo biyya keessaa fi alaa, keessumaayuu rakkoolee baqattoota Oromoo biyya Yaman irra gahaa jiran laalchisee maaltu godhamuu qaba ykn godhamuu danda’a

 

kan jedhanii dha.

 

Akkuma beekamu fi seenaan ragaa ta’u, uummatni keenya bilisummaa fi biyya isaa humnaan dhabee gabrummaa Abashaa jalatti kufe. Kanaaf, waan humnaan dhabe sana, bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa, deebisee argachuuf qabsaa’aa jira. Kaayyoon goototni keenya itti wareegamani fi wareegamaas jiran isuma kana galiin gahuufi. Hawwii fi fedhiin uummata Oromoo bal’aas kanaa ala waan biraa ta’uu hin danda’u jennee amanna.

 

Qabsoon bilisummaa keenyaa hanga har’aatti injifannoolee gurguddoo argamsiisu illee galii guddaa hawwame odoo hin gahin ture. Sababoota qabsoo kana galii xumuraa irraa tursiisan keessaa inni tokko gargar faca’uu qabsaa’ota keenyaa fi laafina tokkummaa mooraa keenyaa ti yoo jedhame dhara hin ta’u. Tokkummaan humna waan ta’eef, laafina tokkummaatu akka humni mooraa keenyaa laafu taasise.

 

Nuti miseensotni WHOA, har’a guyyaa seena qabeessa kana keessatti, erga waayee uummata keenyaa fi haala mooraa keenyaa gadi fageenyaan xinxalle fi bal’inaan irratti mari’anne booda ejjannoo armaan gadii kana dabarsinee jirra.

 

1) Nuti miseensotni WHOA gootota Oromoo, kan bilisummaa keenyaaf wareegamani fi wareegamaas jiran, yaadachaa kaayyoo isaan wareegamniif galiin gahuuf, gahee keenya taphachuu fi qooda keenya gumaachuuf qophii dha

 

2) Jaarmayoota Oromoo kan walaba ta’anii bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an hundaa ni deeggarra. Karaa danda’amuun isaan bira ni dhaabbatna

 

3) Jaarmayootni keenya, kan kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban, kan galiin isaanii tokko ta’e tokkummaa ijaaranii akka humna mooraa keenyaa cimsan waamicha goonaaf. Waamicha kanaaf akka owwaatan immoo uummatni Oromoos dhiibbaa akka isaan irratti godhu gaafatna

 

4) Tokkummaan qabsaa’otaa Oromoo hawwii fi filannoo guddaa ta’ullee, jaarmayootni keenya walittibaqanii tokkoomuu yoo hin dandeenye, tumsa waliif ta’anii akka waliin hojjetani fi irree tokkoon diina irratti akka duulan dhaamsa keenya dabarsinaaf

 

5) Sabab fedheenuu yaa ta’u, warri mooraa keenya gananii mooraa diinaatti makaman, kaayyoo goototni keenya wareegamaniif akkasumas “Oromummaa” gaaga’ama guddaa keessa waan galchaniif, cimsinee isaan balaaleffatna

 

6) Namootni maqaa seena qabeessa ta’e fi kabaja guddaa qabu, maqaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) moggaafatanii ykn fudhatanii, karaa hojiitiin garuu faallaa kaayyoo jaarmayicha jaalatamaa kanaa dalagaa jiran, hojiin isaanii kun farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti malee waan qabsoo kana galiin gahuu danda’u nutti hin fakkaatu. Kanaaf, adeemsa siyaasaa akkanaa ni balaaleffatna

 

7) Mooraa keenyaa ala tumsi biraa barbaachisaa yoo ta’e illee, tumsi ijaaramu uummatoota ykn saboota akka Oromoo Abashootaan gabroomfataman wajjin ta’uu qaba malee, Abashoota waliin tumsa ijaarree galii keenya ni geenya jennee hin amannu

 

8) Kanaaf, tumsi bilisummaa karaa ykn sadarkaa lamaan ijaaramuu qaba jenna. Karaan tokko (sadarkaan duraa) tokkummaa ykn tumsa mooraa QBO keessatti uumamu yoo ta’u; inni biraa (sadarkaan lammataa) tumsa humnoota Oromoo fi kan saboota cunqurfamanii ti

 

9) Hayyootni fi beektotni Oromoo qabsoo kana keessatti gahee guddaa akka taphatani fi qooda guddaa akka gumaachan yaamicha goonaaf

 

10) Sochii Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn), dargaggootni fi barattootni Oromoo biyya keessatti godhaa jiran guutummaatti ni deeggarra. Karaa danda’amu hundaan isaani bira ni dhaabbatna

 

11) Keessaanis ta’ee alaan, olola fi duula qabsoo keenyaa irratti godhamu ofirraa ittisuuf; diinni fi alagaan nu keessa seenanii tooftaalee adda addaatiin akka nu hin qoqqoodne, haawaasotni Oromoo dammaqinsaan akka of eegan carraa kanaan dhaamsa keenya dabrsinaafi

 

12) Waldaaleen Oromoo biyyoota addunyaa bakka adda addaa jiran qabso bilisummaa Oromoo keessatti yaada fi ejjannoo qaban ifaa ifatti baasanii diddaas ta’ee deeggersa isaanii akka ibsan waamicha goonaaf

 

13) Yeroo ammaa diina fi fira qabsoo keenyaa addaan baasuun ifa ta’aa waan dhufeef, namootas ta’ee gareen Oromoo ejjannoo ofii akka sirreessani fi ifa godhan gaafatna

 

14) Uummatni keenya kan biyya abbaa isaanii irraa baqatanii biyyoota adda addaa keessa jiran, keessumaayuu kan Yaman keessatti haala hamaa fi baay’ee yaaddessaa keessa jiran, karaa danda’amu hundaan isaan gargaaruuf dirqama keenya ni baana

 

Injifatnoon Uummata Oromoof!

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOA), Ebla 15 bara 2012

 

See also the following links:

http://gadaa.com/oduu/13416/2012/04/16/guyyaa-gootota-oromoo-ibsa-ejjannoo-waldaa-hawaasa-oromoo-ayerlaand-whoa/

http://bilisummaa.com/index.php?mod=article&cat=Oduu&article=2130

http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/guyyaa-gootota-oromoo-ibsa-ejjannoo-waldaa-hawaasa-oromoo-ayerlaand-whoa/

Categories: None

Post a Comment

Oops!

Oops, you forgot something.

Oops!

The words you entered did not match the given text. Please try again.

Already a member? Sign In

10 Comments

Reply Faxansaa Iluu
05:29 PM on April 16, 2012 
Waldaan Hawaasa Oromoo Ireland sosoccii boonsaa fi fakkii gaarii ta'e goccaa jirtaniif galatoomaa jechaa ejjennoo kessanitti hedduun gammada.
Reply Gooticha Oromoo
05:36 PM on April 17, 2012 
Faxansaa Iluu dhugaa jedhe, sochiin waldaa hawaasa kanaa hedduu gammachiisaadha. Jabaadhaa obboleeyan keenna. Hojii dansaa dalagaa jirtan kana itti fufaa. Galatoomaa. Galanni keessan bilisummaa Oromiyaa haa tahu.
Reply Abbaa Gadaa
06:36 AM on April 18, 2012 
Waldaa hawaasa oromoo ireland, xalayaalee isin yaroo adda addaa barreessaa turtan argee hojii keessan dinqisiifachaa ture. Amma immoo ejjannoon isin dabarsitan kun gita (garee) tokkotti osoo hin hirkatin, jiddugaleessa fi "balanced" waan ta'eef, hedduu nama gammachiisa. Galatoomaa. Jabaadhaa.
Reply Falmataa Dhugaa
03:09 PM on April 19, 2012 
Oromo Community Ireland,

I read with great interest all the appeal letters and other things you posted on different Oromo websites such as gadaa.com. I also read your resolution you passed on GGO. I appreciate all your efforts. You are really doing nice job, keep up.

I would however like to tell you one thing I really do not like. On the page ?LINKS? of your website you posted a website, the so called www.qubeeharawaa.com, where a crazy Guy tries to tell us that he developed new letters or alphabets for Afaan Oromoo, let alone the poor skill and way of his presentation. I doubt that he is really an Oromo.

Our language Afaan Oromoo has already got a suitable letters to write with, through bitter liberation struggle. These suitable letters aka ?QUBEE? is the symbol of our liberation ?mallattoo bilisummaa? for which many of our heroes and heroines were fallen.

The guy can do whatever he wants on his own website, this is his right but please remove from your website as I think and believe this is absurd. In my opinion, you are a respected community organization and you may lose your credibility when the people see such childish or immature presentation on your website. Thank you.
Falmataa Dhugaa.
Reply Oromo Community Ireland?s Management
02:11 PM on April 21, 2012 
Obbo Falmataa Dhugaa,

Frist of all, thank you for encouraging us for our job. We would like to make something clear about your comment. Firstly, the person you called ?crazy Guy? is one of our active members of our organization. Attacking our members personally hurt our organization because our members are the most active contributor to our work that you appreciated.

Secondly, regarding his website as well as the new letters he supposedly developed for Afaan Oromoo, the responsibility is his own but not that of our organization. Of course, we can appreciate everybody for his or her creative work. We are happy and encourage when an Oromo National invent or develop new things regardless of their acceptance by the Oromo people.

Thirdly, as for QUBEE, we absolutely agree with you. As you said, it is indeed the symbol of our liberation ?Mallattoo Bilisummaa? of which we all are very proud. Whether the new letters developed by the said member have acceptance or not, this is the decision of Oromo Nation. It is also our people who can decide which letters are suitable for them to write our language Afaan Oromoo.

Finally, regarding poor skill and way of his presentations you said, as you stated in your comment, we leave the judgement for the audience and we do not think that this could affect the credibility of our organization. Also, we do not think that an external link to our website will affect the credibility of our organization. Thanks.

Oromo Community Ireland?s Management
Reply sisaawu kushuu
01:48 AM on December 20, 2012 
Faxansaa Iluu says...
Waldaan Hawaasa Oromoo Ireland sosoccii boonsaa fi fakkii gaarii ta'e goccaa jirtaniif galatoomaa jechaa ejjennoo kessanitti hedduun gammada.
Reply DACHAASAA GUUTAA
12:59 PM on January 21, 2013 
akka jirtu isin?
Reply tesfaye
08:42 AM on February 05, 2013 
akkam akkam jirtu? maamila keessaan ta'un barbada
Reply Nimona
07:13 AM on February 16, 2013 
Guyyaan Gootota Oromoo: guyyaa itti jaallewwan Qabsoo Oromoo keessatti dhiigni isaanii dhangala'e,kannen lafeen isaanii akka qoraaniitti boba'e,kanneen lubbuun isaa Qabsichaaf aarsaa taatee....ummata bal'aaf humna laatte guyyaa itti yaadataniifi guyyaa itti kaayyoo isaanii galmaan ga'uuf daran waadaa cimsanidha. Kanaafuu guyyaa kana hawaasni Oromoo kutaa addunyaa garaagaraa keessa jiraatu walitti labsee wal dhageessisee qabsoo dadammaqsuu fi jabeessuu qaba!
Gadaan Gadaa Gabbinaa...
Qabsoon Kan BILISUMMAA......
Injifannoon ummata Oromoof

Yuunivarsiitii saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaa Irraa....
Reply Tolera Fufa
02:49 AM on February 19, 2013 
Cimaa itti fufaa kutannoon booda nama hin deebisu ,Hundumaafuu Tokkummaan jiraannaan inni fagootti asii achi ilaallu DHIYOO DHA!!!!!!!!!!!!