OROMO COMMUNITY IRELAND - HAWAASA OROMOO AYERLAAND

Blog

Guyyaa Aadaa Oromoo bara 2012

Posted by oromocommunityireland@gmail.com on July 15, 2012 at 10:10 AM

Guyyaan Aadaa Oromoo Dabliin/Ayerlaanditti haala oo’aadhaan ayyaaneffatame

 

Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOAn) waggaa waggaadhaan guyyaa aadaa Oromoo Adoolessa keessa ayyaaneffata. Ayyaanni bara kanaa (2012) isa sadaffaa yoo ta’u, haala adda ta’een Adoolessa 14 kabajame. Sababoota ayyaana baranaa adda taasisan keessa inni tokko fi hangafti, namootni hedduun, kan naannoolee Oromiyaa gara garaa keessaa ijoollee guddifatan, ijoollee Oromoo kana wajjin ayyaana aadaa kanarratti argamuu isaanii ti.

 

Kan biraa immoo, kan ayyaana bara kanaa adda godhe fi haala gaariidhaan akka calaqqisu taasise, ijoolleen WHOA faaruulee adda addaa dhiyeessuu dha. Sirbootni isaan dhiyeessanis faaruulee alaabaa Oromoo, Qubee AfaanOromoo fi Oromiyaa ti. Kana malees, dubartootni fi dargaggootni WHOA uffata aadaa naannolee Oromiyaa adda addaa agarsiisuudhaan ayyaannni kun caalaatti akka bareedu taasisan.

 

Namootni Oromoo hin ta’in, keessumaayuu kan ijoollee Oromoo guddifatani fi ijoollee kana wajjin ayyaana kanarratti argaman, aadaa Oromoo bareedaa dinqisiifachuudhaan akka baay’ee itti gammadan; akkasumas gara fuulduraattis qophii akkanaarratti argamuuf fedhii guddaa akka qaban ibsanii jiru. Kana birallee dabranii, namootni tokko tokko ijoolleen isaan Oromiyaadhaa guddifatan kun eenyummaa isaanii akka barani fi aadaa Oromoo wajjin akka guddatan; qaama hawaasa Oromoo Ayerlaand ta’uu akka barbaadan WHOA gaafatii jiru.

 

Akkuma seera fi heera aadaa Oromootti, ayyaanni kun eebba manguddootiin yoo banamu; kanatti aansuudhaan Dura Taa’aan WHOA Obboo Biraanuu Hundee waayee guyyaa aadaa kanaa, WHOA fi akkasumas saba Oromoo ilaalchisee haasawa gabaabaa godhan keessatti hirmaattota ayyaanaatiif ibsa godhanii turan. Kan kanarraa hafe, sirboota babbareedaa, kan naannolee Oromiyaa gara garaa mul’isan qopheessuudhaan; ragada fi dhiichisaan guyyaan kun haala bareedaadhaan ayyaaneffatamee oole.

Categories: None

Post a Comment

Oops!

Oops, you forgot something.

Oops!

The words you entered did not match the given text. Please try again.

Already a member? Sign In

3 Comments

Reply Lammii Tsaggaayee
02:13 AM on December 01, 2012 
Jabaadhaa tii nujajjabeessaa!!! Aaadaa keenyas akka gudisnu nutaasisaa !!! odeeffannoo ummata Oromoo ilaallatus nuun ga'aa!! Umurii dheeraa isiniif hawwina!!!!
Reply I.A
12:09 PM on March 29, 2013 
aadaa boonsaa qabna,haa kununsannuu waliin tahuudhaan. kun kan jalqabaati malee kan dhumaa miti jajjabaadha nuuf jiraadhaa!! tokkumaan keenya haa cimuu iddoo jirru maratti!!!
Reply safi usman
01:33 PM on April 05, 2013 
haaluma kanaan aadaa keenya nuuf guddisaa oromoottan koo