|
|
Amajjiin 1, Guyyaan WBO, Daabliinitti haala oo’aadhaan kabajamee jira
Miseensotni Hawaasa Oromoo Ayerlaand, akkuma yeroo biraa, bara kanas Amajjii 1 bara 2013, guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) haala oo’aa ta’een kabajanii jiru. Ayyaanni kun, akka aadaa Oromootti eebba maanguddootiin erga baname booda, Obboo Dibaabaa Hirphaa, Amajjiin 1, Guyyaan WBO maaliif akka ayyaaneffatamu seenaa guyyaa WBO irratti ibsa baldhaa kennanii jiru.
Haasawa Obboo Dibaabaatti aansee, Dura Taa’aan Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOA) Obboo Biraanuu Hundee dhimmoota lama irratti haasawa gabaabaa godhanii turan. Inni tokko qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ilaalchisee yoo ta’u, kan biraa immoo waayee WHOA ilaalchisee ti. Obboo Biraanuun, qabsoon Oromoo kan Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeessamu, waggoota afurtama keessaatti jijjiirama hin fidne kan jedhamu kun olola diinaa ti malee waan dhugaa irraa fagaate dha jechuudhaan injifannoolee gurguddoo QBOn galmeesse hangaftoota fakkeenyaaf akka armaan gadiitti ibsanii turan:
• Uummatni fi sabni Oromoo akkuma uummatoota fi saboota birootti addunyaa kanarratti beekamuu
• Oromiyaan kaartaa irratti mul’attee, Itoophiyaa keessattis ta’u, akka biyyaatti beekamuu
• Afaan Oromoo, duula diinaatiin awwaalamuuf qarqara bool’oorra gayee ture sun, sana hunda irraa dandamatee; qubee ittiin barreeffamu “QUBEE AFAAN OROMOO” argatee sadarkaa kanarra gayuu
• Aadaan Oromoo, kan diinni fi alagaan irratti duulaa turan, rakkoolee sana keessaa bayee sadarkaa har’aa kanarra gayuu
• Sabboonummaan Oromoo guddachaa fi babala’chaa dhufuu...
Injifannoolee gurguddoon kunuu hafanii; ha’ra ilmaan Oromoo mataa ol qabatanii dhimma ofiitiif dubbachuu danda’uun; akka hawaasaattis ta’ee akka gurmuulee adda addaatti ijaaramanii socha’uun, kun hunduu injifannoolee biroo kan QBOn argamsiise waan ta’aniif akka salphaatti ilaalamuu kan hin qabnee dha jedhanii jiru. Injifannooleen kun immoo kan laayyootti argaman odoo hin taane, wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin akka ta’e; Sabboontota kana keessaa, adda durummaadhaan kan injifannoolee argamsiise WBO waan ta’eef, guyyaa WBO kana bara baraan ayyaaneffachuudhaan gootota keenya yaadanna jedhanii jiru.
Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand ilaalchisee, walumaagalatti waldaan kun bara 2012 sochii cimaa akka godhe fi keessumaayuu aadaa Oromoo agarsiisuu irratti hojii boonsaa akka dalage ibsanii; Ayyaana Guyyaa Aafrikaa (Africa Day 2012 Celebration) irrattis yeroo duraatiif hirmaachuudhaan injifannoolee akka argamsiise Obboo Biraanuu Hundee ibsanii turan.
Miseensotni WHOA, kan ayyaana WBO kana irratti argaman, haala mooraa QBO ilaalchisee marii erga gaggeessan booda, guyyaa seena qabeessa kana irratti, akka armaan gadiitti ibsa ejjannoo dabarsan:
1) Akka diinni fi tajaajiltootni isaa, injifannoolee qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) argamsiise gadi xiqqeessuuf jecha, qabsoon Oromoo kan Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeessamu, waggoota afurtama keessaatti jijjiirama hin fidne kan jedhan, hamilee qabsaa’ota keenyaa cabsuuf waan ta’eef, olola akkanaa dura ni dhaabbanna
2) WBOn gaachanna uummata Oromoo fi abdii bilisummaa waan ta’eef, tarkaanfii inni fudhachaa jirutti baay’ee gammadnna; sochii WBO guutumaa guututti ni deeggarra; karaa danda’amu hundaan WBO cimsuuf qooda keenya ni gumaachina
3) Tokkummaan ilmaan Oromoo, keessumaayuu kan qabsaa’ota Oromoo murteessaa waan ta’uuf, tokkummaan dhugaa humna cimaa akka uumu; humni cimaan immoo diina injifatee bilisummaa akka fidu waan amannuuf, qabsaa’otni keenya tokkummaa kaayyoo ijaaranii, humna mooraa QBO akka cimsan yaamicha goonaaf
4) Walhubannoo fi araarri ABO QC fi ABO Shanee Gumiitiin akkasumas gurmuulee birootiin lambsame, mooraa QBO tasgabbeessuu fi cimsuuf murteessaa waan ta’uuf, tarkaanfii kanatti baay’ee gammadnna. Walhubannoon kun immoo gara tokkummaa dhugaatti akka cewu carraa kanaan dhaamsa keenya dabarfachuu barbaadnna
5) Qabsaa’otni, gurmuulee fi jaarmayootni Oromoo hafanis, kan walaba ta’anii socha’ani fi kaayyoo walfakkaataa qaban hunduu, tarkaanfii ABO QC fi ABO Shanee Gumii fudhatan kana ittifufudhaan tokkummaa qabsaa’ota kan hundaa hammatu mooraa keenya keessatti akka ijaaran yaamicha goonaaf
6) Jaarmayootas ta’ee gurmuuleen Oromoo walaba ta’an kamiiyyuu, karaa danda’ani fi ittiamananiin qabsaa’anii uummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuu kan danda’an yoo ta’an, nuti hundaafuu deeggarsa fi kabaja Obbolummaa qabna. Haa ta’u garuu, uummata keenya gabruummaa Abashaa jalaa baasuu kan danda’u, furmaatni maayii walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa uummata Oromoo ti jennee amanna
7) Humna Oromoo jabeessuuf, tarkaanfiin duraa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi tasgabbii buusuu waan ta’uuf, hunduu yeroo tokkoon tokkoomuu yoo hin dandeenye illee, walirratti duuluu dhaabanii, ilaalcha adda addaa qabaatanii garuu diina waloo irratti akka walgargaaranii fi tumsa wallif ta’an yaamicha goonaaf
8)Har’a diinni QBO inni hangafti fi hamaan Wayyaanee haa ta’u malee, humnootni Abashaa kan sirna dulloomaa durii sana deebisanii ijaaruu barbaadani fi injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesse kanaayyuu balleessu warri barbaadan waan jiraniif, Oromoon diinota hedduu akka qabu hubatee tokkummaa isaa jabeessuun yeroon isaa amma akka ta’e waan hubannuuf, tokkummaan Oromoo akka cimu yaamicha keenya dabarsina
9) Gabroonfataan humnaan biyya keenya qabate, hanga humnaan biyya keenya keessaa bahutti, humnaan uummata keenya ukkaaamsaa waan jiraatuuf, karaa nagaatiin injifatamuu ni danda’a jedhanii yaaduun gowwummaa ykn haala keessa jirru hubachuu dhabuu nutti fakkaata. Diina keenya humnaan injifachuuf immoo WBO cimsuun waan filannoo hin qabne dha jennee amanna. Kanaaf, WBOn akka cimu carraa guyyaa isaa kanaan dhaamsa keenya dabarsuu barbaadnna
10) Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand sochii uumatni keenya kan biyya keessa fi alaa; keessumaa iyyuu qobsoo fi FDG Qeerroon Oromoo gaggeessaa jiru ni deeggarra. Hanga gabroonfataan kufutti sochiin kun cimee akka ittifufu waan dandeenyu hundaan bira dhaabbanna.
Dhumarratti, barri haaraan kan nagayaa, fayyaa, gammachuu fi akkasumas kan tokkummaan ilmaan Oromoo keessatti cimu fi bara bilisummaa akka nuuf ta’u carraa kanaan hawwii keenya dabarsina.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Oromiyaan ni bilisoomti!
Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand (WHOA)
Ayerlaand, Dabliin, Amajii 1 bara 2013
http://www.oromoliberationfront.org/SBO/ORO/2013/06012013SBO.mp3
Categories: None
The words you entered did not match the given text. Please try again.
Oops!
Oops, you forgot something.